Seenaa Gabaabaa Gootittii Oromoo Barattuu Tigist Maammoo Simaa

Caamsaa 23, 2014 | Qeerroo.org


Barattoota Oromoo kan Yuuiversitoota garagaraat osoo karaa nagaan hiriira bahani dhimma abba biyummaa isaanii falmata jiranuu lubbuun isaanii waraana mootummaa Wayyaanen darbite keessaa seenaa gabaabaa barattuu Tigist Maammoo Simaa isiniif qooda. Tigist Abbaa ishee Obbo Maammoo Simaa fi Haadha ishee Aaddee Ayeetuu Maammoo irraa bara 1992 akka lakkoofsa Oromootti Biyya Oromiyaa Godina Kibba lixa Shawaa Aanaa sadeen Sooddoo Ganda Saaririti jedhamutti dhalattee. 

Mana barnoota sadarkaa 1ffaa kan barattee 1-8 mana barnoota Calalaqa kan jedhamu miilan deemsa sa’a lama deemte barattee.sadarkaa 2ffaa 9-12 mana barnoota Harbuu Cululleetti baratte.

Akkasuma qabxii gaarii fiduun Yuuniversitii  Maddaa Walaabutti waggaa 1ffaa barata osoo jirtuu  FDGf n gaaffii mirgaa baratooti Oromoo Ebla 28, 2014 kaasaniin wal qabatee rasaasa diinaan wareega lubbuu saba Oromoof jecdha kafalte.


Gootittiin Oromoo Tigist Maammoo dhalattee ganna 22ti gootummaan uumata Oromoof wareega kafalete. Qabasaawaan yoo kufe illee Qabsoon itti fufee kaayyoo isaanii bakkaan ni gaha.

No comments:

Post a Comment